Dhagaan bu’uuraa ijaarsa giddugala yaala dhibee Kaansarii kan IGAD ijaramuu Finfinneetti kaa’ame

62

Finfinnee, Eebila 11/2013 (TOI) – Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD)n kan jaaramu giddugalli yaala dhibee Kaansarii naannicha ijaruuf IGAD dhagaa bu’uuraa kaa'era.

Gidduugalli yaala dhibee Kaansarii naannoo Baha Afrikaa kun murtoo IGAD bara 2012 dabarseen kan hundaa’e yoo ta’u, yaala dhibee Kaansarii ittisuuf tattaaffii taasiifamuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhamee eeggama.

Yaada Gidduugala yaalaa Knasiree ijaruu kanas lammilee Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa ta'an kan biyya alaa jiranituu jalqaba dhiheesse jedhamera.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Barreessaa olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo, itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee bakka buutoonni miseensa biyyoota mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015