Hindi Ityoophiyaa Godina Hadiyyaattii hojiiwwan misoomaa hojjetaman ni deeggarti – Ambaasaaddar Roobarti Sheetkiintoongi

55

Finfinnee, Eebla 11/2013 (TOI)- Hindi naannoo Godina Hadiyyaattii hojiiwwan misoomaa hojjetaman akka deeggartu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Ambaasaaddar Roobarti Sheetkiintoongi beeksisan.

Ambaasaaddarichi Ministira Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa FDRI Dooktar Ergoogee Tasfaayee waliin Yuunivarsiitii Waachaamoo daawwataniiru.

Sirna daawwannaa kana irratti ambaasaaddarichi akka ibsanitti hojiiwwan misoomaa barnotaa, fayyaa fi kanneen biroo godinichatti hojjetaman biyyi isaanii akka deeggartu eeraniiru.

Damee barnootaan Hindi Yuunivarsiitii Wachaamoo waliin hojjechaa jiraachuu kan eeraan ambaasaaddarichi dabalataniis misooma barsiisootaa fi cee’umsa teeknooloojii irratti deeggarsa taasisuuf waliigalteerra gahuu ibsameera.

Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin mootummaan hariiroo Itoophiyaa fi Hindii gidduu jiru cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Hindii godinichaatti damee misoomaa garagaraan bobba’uun haalli isaan itti hojii uumaan akka mijatus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015