Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 67 olitti tilmaamamu to’annaa jala oole

54

Finfinnee, Eebila 11/2013 (TOI)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 67 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 95tti tilmaamamu to’annaa jala oolu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen to’annaa jala kan oolfamaan Bitootessa 30 hanga Eebila 7/2013tti buufataale gumurakaa adda addaattidha jedhamera.

Meeshaalee tilmaamama Birrii miiliyoona 36 fi kuma dhibba 4 fi kuma 80 olitti tilamaamaman gara biyya galfamuuf wayita yaalamutti to’atamaniiru.

Meeshaalee Birrii miiliyoona 30 fi kuma dhibba 7 fi kuma 15 ol ammoo biyyaa baafamuuf wayita yaalamutti to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen to’annaa jala oolfamaan qorichoota, maallaqa biyyota garaagaraa, oomishaalee nyaata, meeshaalee faayaa, uffataalee, meeshaaleen jijjiirraa keessaatti akka argaman ragaan Ministeera Galiiwwaniirra argamee ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015