Godina Matakkalitti haalli rakkoo nageenya ture waan tasgabaa'eef jiraatoonni gara gabaatti bahaanii bittaa fi gurgurtaa raawwachaa jiru.

86

Finfinnee, Ebla 10/2013(TOI)- Godinaa Matakkalitti yeroo ammaa kan sochiin nageenyaa tasgabaa’uu irra kan ka’ee hawaasni gara gabaa deemun sirna bittaafi gurgurtaa jalqabuu jirattoonni Aanaa Galgal Balas himan.

Rakkoo nageenyaa Godinaa Matakkalitti muudate tureen gabaan Aaanaa Galgal Balas rakkoo keessa tureera.

Yeroo ammaa kana koomaandii poostii Godinichaa hojjii hojjateen sochiin nageenyaa tasgaba’aa jira jedheera.

Kana irraa kan ka’ee jirattoonni Aanaa Galgal Balas walarguun sirna bittaafi gurgurtaa gabaa isaanitti taasisaa jiru.

Raayyaa Ittisaa Biyyaatti Dareektooreettiin sab-qunnamtii Koloneel Geetinaat Adaanaa, godina Matakkaal gara sochii nageenyaa deebisuuf hojiin garaagaraa hojjeetamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015