IGAD guyyaa boruu giddugala yaala dhibee kaansarii magaalaa Finfinneetti ni eebbisiisa

52

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (TOI)- Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa IGAD guyyaa boruu giddugala yaala dhibee kaansarii magaalaa Finfinneetti ni eebbisiisa jedhame.

Sirna eebbaa kanarratti hojii raawwachiiftoonni IGAD, ambaasaaddaroonni biyyoota miseensa dhaabbatichaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo Itoophiyaa fi dhaabbileen deeggartoota misoomaa ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Ijaarsa Giddugala yaala dhibee kaansarii ammaayyaa kanaaf Doolaarri miiliyoonni 500 baasii ta'uu ibsameera.

Sadarkaa idil addunyaatti tattaaffii dhibee kaansarii ittisuuf taasiifamu keessatti qooda olaanaa ni qabaata jedhame.

Giddugalichi qorannoo kaansarii, yaalaa fi tajaajiloota yaala dhibee kaansarii sadarkaa idil addunyaa eeggate kan laatu ta'uu ragaan IGAD irraa argame ni agarsiisa.

Giddugalichi lafa Kaaree Meetira kuma dhibba 2 mootummaan Itoophiyaa arjoomerratti kan ijaarrameedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015