Guutinsi bishaanii hidha haaroomsa guddichaa Itoophiyaa, Sudaan balaa olaa ishee rakkisuu irraa ishee bararaa jira- Minsitira muummee dooktar Abiyyi Ahimad

80

Finfinnee, Ebla 10/2013(TOI)- Itoophiyaan Laga Abbayyaa Misooma isheef yoo oolchitu,biyyoota yaa’a gara gadii jiran miidhaa kamiyyuu akka geessisuu fedhiis,karooras hin qabdu jedhan Ministiirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Guutinsi bishaani Hidha Haaromsa marsaa 2ffaan osoo itti hin fufiin hulaa bishaan ittin yaa’u haaraa gargaaramuun bara darbe kan hidhameen dabalataan bishaan kan gadhiiftu taha jedhan.

Guutinsi bishaani marsaa 2ffaan kan hojjetamu hangi roobaa olaanaan wayita argamu baatii Adooleessa/ Hagayyaa waan ta’eef Sudaan lolaan akka hin fudhatamneef ishii fayyada jechuun Dr.Abiyyi karaa fuula FB isaanii himanii jiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015