Itoophiyaa fi Gibxi walitti dhufeenya bara dheeraaf qaban sadarkaa olaanaatti ceesisuuf nan hojjedha--- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

76

Bitootessa 4/2011 Itoophiyaa fi Gibxi walitti dhufeenya bara dheeraaf qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbatan.

Gibxitti Ambaasaaddarri RFDI Diinaa Muftii xalayaa muudamasaanii kaleessa pirezidaantii Gibxi Abdulfattaah Alsiisiif dhiheessaniiru.

Turtiisaanii Gibxiitti walitti dhufeenya biyyoota lamaanii baraa-baratti cehe caalaa fuulduratti akka tarkaanfatu xiyyeeffannoo kennanii akka hojjetan Ambaasaaddar Diinaa Muftii pirezidaanti Alsiisiif ibsaniiru.

Pirezidaanti Alsiisiin gamasaaniitiin Bitootessa 1 bara 2011 balaa Xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii 302 irra ga’een namoota lubbuusaanii dhabaniif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Ummataa fi mootummaa Itoophiyaatiif jajjabina hawwaniiru.

Carraan Itoophiyaa fi Gibxi walitti hidhataa ta’uu fi carraan jirus waliin hojjechuu, misoomuu fi guddachuu akka ta’e pirezidaantichi ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan turtii Gibxitti taasisaniin deeggarsi ummannii fi mootummaan biyyattii akka isaan biraa hin hafne pirezidaanti Alsiisiin mirkaneessaniiruuf.

Ambaasaaddar Diinaan teessoon isaanii Gibxi ta’ee Liibiyaa, Jordaanii fi Libaanoositti Ambaasaaddara ta’anii akka tajaajilan odeeffannoon waajjira dubi himaa ministeera dhimma alaarraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015