Obbo Dammaqaan Itoophiyaatti bakka bu'aa dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa waliin mari'atan

61

Finfinnee, Eebila 8/2013 (TOI) - Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Itoophiyaatti bakka bu'aa dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa Maawuriin Acheengee waliin mari'ataniiru.

Godaansa Seeraan Alaa ittisuuf tarkaanfii Itoophiyaan fudhachaa jirtuu fi fedhii lammiilee guutuuf hojii hojjetaman irratti mari'ataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa wantoota Godaansaaf sababa ta'an furuuf tarkaanfii Itoophiyaan fudhachaa jirtuu ilaalchisee obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.

Mootummaan federaalaa naannolee waliin ta'uun Godaansa seeraan alaarraatti hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaatti bakka bu'aan dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa Maawuriin Acheengeen gama isaaniin dhaabbatichi fedhii Godaantoota Itoophiya guutuu fi rakkoolee weerara vaayrasii koroonaan walqabatanii uumaman furuuf mootummaa Itoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta'uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015