Lammiileen kaardii filannoo fudhachuun mirga diimookiraasii isaanii fayyadamuu qabu - Waajjira Muummee Ministiraa

51

Finfinnee, Eebila 8/2013 (TOI) – Lammiileen kaardii filannoo fudhachuun mirga diimookiraasii isaanii fayyadamuu akka qaban Waajjirri Muummee Ministiraa ibseera.Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee waajjirri Muummee Ministiraa FDRI ibsa laateera.

Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan Caamsaa 28, 2013 gaggeeffamuuf torbeewwan muraasni hafuu waajjirichi ibseera.Filaannoon si’oominaan eeggamu kun bilisaa fi haqa qabeessa jalqabaa akka ta’u kan eeggamu ta’uu ibsa laateen himeera.

Bara 2010 kaasee hoggansi biyya bulchaa jiru dirree siyaasaa fi diimookiraasii babal’isuuf haalli mijataan beekkumsarratti hundaa akka jiraatuuf ejjennoon daandii Diimookiraasummaa eegaluu himeera.

Galmi kun salphaatti dhugoomuu kan danda’an ta’uu baatus mootummaan federaalaa Diimookiraasummaa qabatee imaluuf fedhii qabu mijeessuu ejjennoon itti fufuu eereera.

Ityoophiyaanoonni biyya isaanii gara bulchiinsa haaraa fi bara badhaadhinaatti ce’uuf carraan dhiyaachuufii ibsa isaan eereera.

Hanga ammaatti mootummaan Federaalaa filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi nagaa gaggeessuuf murannoo fi galmicha milkeessuuf qophii taasiisuu himeera.

Filannoon nagaa fi seera qabeessi akka gaggeeffamuuf koreen biyyaalessaa nageenya Filannoo Poolisii Federaalaa, Abbaa Alangaa Waliigalaa, tajaajila tika nageenyaa fi odeeffannoo biyyaaleessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hoggantoota naannolee irraa walitti babba’aniin hunda’uu waajjirrichi ibsa laateen eereera.

Lammiileen mirga heera mootummaa isaanii fayyadamuun bilisaan akka filataniif ga’een mootummaa maalta’uu akka qabu mariiwwan garaagaraa gaggeeffamaa turuu himeera.Komiiwwan filannoon walqabatanii ka’an keessummeessuuf Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddacha ol iyyannoo dhaggeeffatu hundeessuu himeera.

Paartileen siyaasaa guutuu biyyattiitti duula na filadhaa bal’inaan gaggeessaa jiru jedhame.Murtoon beekkumsarratti hundaa’e akka jiraatuuf walfalmiin paartilee morkattootaa miidiyaalee fi dhaabbilee Siiviikii Hawaasaa walabaa hirmaachise gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ejjennoo dirree diimookiraasii babal’isuu qaban milkeessuuf Preezdaantoota naannolee fi Hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin marii taasiisan itti fufuu ibsameera.Gufuuwwanii fi hanqinoota adeemsa qophii filannoo duraa keessatti muudatan adda baasuun furmaata itti laachuuf tattaaffiin taasiifamu itti fufuu ibsichi eereera.

Dhimmoota nageenya naannolee fi qophii buufataalee filannoo ilaalchisee Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad intarneetiin Gurraandhala 18, 2013 fi Eebila 8, 2013 marii taasiisuu himameera.

Filannoon gaggeeffamuuf guyyaa muraasni qofti hafuu isaan lammiileen kaardii filannoo fudhachuun mirga diimookiraasii isaanii fayyadamuu akka qaban Waajjirichi gaafateera.

Filannoon gaggeeffamu haqa qabeessa, bilisaa fi nagaa akka ta’uuf qaamni hundi ga’ee irraa eeggamu akka ba’uuf wamaicha dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015