Piroojetiin Oomisha Warqee doolara Miiliyoona 335 oliin Kumiruuk eegale.

64

Finfinnee,Ebla 8/2013(TOI)- Warshaan Oomisha albuuda Warqee Naannoo Beneshaanigul Gumuz Aanaa Kumrukitti doolara miiliyoona 335 ijaaramuuf dhagaan bu'uuraa kaa'ame.

Ijaarsa warshaa kanaatiif Ministira Albuudaafi Boba'aa Injiinar Taakkalaa Uumaafi Pireezdaanti Naannoo Beneshaanigul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasantu dhagaa bu'uuraa kan ka'an.Warshaan Omisha warqee kun waggaatti Warqee kiloogirama 7500 kan omishuu yoo ta'u waggaa tokkoo fi walka booda hojii oomishuu ni jalqaba jedhamera.

Kaampaaniin oomisha Albuuda Warqee kun namoota 750 carra hojii kan uumas jedhamera.

Warshaan kun guutummaatti hojiitti yeroo galuu warqee toonii 7 waggaatti kan oomishu yoo ta'u kanaanis haga warqee omishuu biyyatti waan dabaluuf Shara biyya alaa argamsiisuf ni gargaraa jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015