Ameerikaan damee fayyaa Itoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 20 taasiifte

46

Finfinnee, Eebila 8/2013 (TOI) – Ameerikaan miidhaa Covid -19 qaqqabsiisu dandamachiisuu fi sirna eeggumsa fayyaaf Itoophiyaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 20 deeggaarsa taasiisuu ibsameera.

Giddugallii Ittisa Dhibee Ameerikaa (CDC) Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta’uun dandeettii ittisa dhibee, kutaa yaalii, talaallii fi proojektoota tajaajila yaala balaa tasaa cimsan ifoomsaniiru.Piroojektoonni Doolaara miiliyoona 20 gaggeeffamu kun misooma humna namaa, yaala balaa tasaa cimsuu, sirna odeeffannoo yaalaa ammayyeessuu fi weerara Covid -19 ittisuuf kan oolan ta’uu ibsameera.

Sosochii talaallii Covid -19 sadarkaa biyyaa fi naannootti taasiifamaa jiru milkeessuuf kan oolu ta’uu ragaan Itoophiyaatti Imbaasii Ameerikaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015