Sirna Barnootaaa haaraa bu’uura taasisuun sagantaa barnootaa digirii jalqabaa qophaa’e hojiirraa oola jira.

98

Finfinnee, Ebla 6/2013(TOI) - Sirna Barnootaaa haaraa bu’uura taasisuun sagantaa barnootaa digirii jalqabaa qophaa’e hojiirraa oola jira. akka jiru Miniteerri Saayinsiifi Barnootaa Olaanoo beeksise.

Ministeerrichatti Daariktarri akkaadamii barnootaa Olaanoo Dr. Eebba Miijanaa akka himanitti sirni Barnootaaa haaraa bahe bu’uura taasisuun baratootaa yuunvaarsiitii waggaa 1ffaa seenaniif barnoonni dandeetti waliigaltee barattootaa cimsuu danda’aniifi sagantaa barnootaa olaanaa itti dabaluun barattoota hundaaf kennamaa jira jedhan.

Akkasumas barattoota yuunivaarsiitii waggaa 1ffaaf barnoonni misoomaa biyyattii galmaan gahuuf gargaaruu,barataa beekumsaafi dandeetti qabu uumuuf,barataa dorgoomaa ta’ee uumuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan Dr Eebban.

Barnoonni amma kennamaa jirus dandeetti,beekumsaafi ilaalchaa barattootaa irratti jijjiirama fida jedhan.

Mariin Sirna Barnootaaa haaraa irratti qophaa’ees Yuunivaarsiitii garaagaraatti taasifamaa akka jiruufi akkasumas marichi Abbootii qabeenyaafi hoggantootaa indaastirii,ogeessota garaagaraa irratti hirmaachaa jiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015