Boordichi Paartilee Siyaasaa waliin mari'achaa jira

54

Finfinnee,Ebla 6/2013(TOI)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimma admeesa galmee filattootaa irratti paartilee siyaasaa waliin marii taasisaa jira.

Marichis adeemsa galmee filattootaa fi haala waliigalaa akkasumas rakkinoota muudatan jedhaman irratti gaggeeffamaa jiraachuu himameera.

Haaluma kanaan galmee filattootaa irratti adeemsa raabsaa meeshaalee dhiyeessuufi dhimmoota filannoo irrattis marii taasisaa jira.

Maricha irrattis hoggantootaa paartilee siyaasafi bakka bu’oonni irratti argamaniiru.

Galmeen filattootaas Bitooteessa 16 bara 2013 jalqabee Ebila 15 xumuramas jedhameera.

Filannoo marsaa 6ffaa baranaa kan caamsa 28fi waaxabaajjii 5 bara 2013 kan gaggeeffamuu irratti paartileen Siyaasa 46 ta’an irratti hirmatuu jedhameeara.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015