Gamtaan Awurooppaa Xiyyaarri Booyiingi 737 maksi kutaa Awurooppaa keessa akka hin balaliine dhorke

48

Bitootessa 3/2011 Gamtaan Awurooppaa Xiyyaarri booyiingi 737 maaksi kutaa Awurooppaa keessa akka hin balaliine dhorkuuaa ifa taasiseera.

Xiyyaarri booyiingi 737 maaksi kutaa Awurooppaa keessa akka hin balaliine kan dhorkame Xiyyaara Itoophiyaa keessatti kufee caccabuudhaan namoota 157 galaafate ka’umsa taasisuuni.

Ejensiin nageenya Aviyeeshinii Awurooppaa ‘EASA’ ibsasaatiin akka beeksisetti, xiyyaarri booyiingi 737 maaksi Awurooppaatti argaman hundi tajaajila akka hin kennine taasifamaniiru.

To’annaa biyyoota birootiin kutaa Awurooppaa keessatti balalliiwwan daldalaa taasifamanis dhorkeera.

Balaa mudate qulqulleessuuf hojjetamaa akka jiru kan ibse gamtaan Awurooppaa, sababa balaa kanaa beekuuf yeroonsaa sichi akka ta’e eereera.

Karaa wal fakkaatuun biyyoonni akka abbaan taayitaa siviil Aviyeeshinii Ingiliiz, Chaayinaa, Siingaapoorii fi Awustiraaliyaan xiyyaarri booyiinki 737 maaksi kutaa biyyasaanii keessa akka hin balaliine dhorkuunsaanii ni yaadatama jechuudhaan gabaasni ze-indippendenti ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015