Waldhibdeen hidha haaroomsa guddicha ilaalchise jiru furuun kan danda'amuu waligalteen -Sargeeyi Laavroov - ENA Afaan Oromoo
Waldhibdeen hidha haaroomsa guddicha ilaalchise jiru furuun kan danda'amuu waligalteen -Sargeeyi Laavroov
Finfinnee,Ebla 5/2013(TOI)- Waldhibdeen hidha haaroomsa guddicha ilaalchise jiru furuun kan danda'amuu waligalteen jedhan Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargeeyi Laavroov
Ministirichi kana kan dubbatan kalleessa Ijiptitti ministira dhimma alaa Ijibt Saamii shukrii waliin ibsa yeroo keennanitidha.
Raashiyaan dhimma hidha haroomsaarratti garaagarummaa biyyoonni sadeen qaban waliigalteen furamuu akka qabu ni amantis jedhaniru.
Garagarumman jiruus akka furamuuf Raashiyaan deeggarsa tekinikaa gochuuf fedhii akka qabdu ministirri Dhimma Alaa biyyattii Sargeeyi Laavroov himaniiru.
Waliigaltichittis biyyoota sadanii fi Karaa gamtaa afrikaa qofa ta'uu akka qabu himaniru.
Raashiyaan biyyoonni Afirkaa rakkoo isaani ofii isaaniif akka furatan ni jajjabeesitis jedhaniru