Soomni Ramadaanaa boru ni eegala

120

Finfinnee, Eebila 4/2013 (TOI) - Soomni Ramadaanaa waggaa 1442ffaan boru kan eegalu ta’uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itoophiyaa ibse.

Baatiin Ramadaanaa baatii hawaasni Musiliimaa kadhannaa fi Soomaan dabarsu boru kan eegalu ta’uu Dubbi himanaan mana maree dhimmoota Isaamummaa Waliigala Itoophiyaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himeera.

Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis Baatii Ramadaanaa walgargaaruu fi walii yaaduun dabarsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni Musiliimaa namummaaf dursa laachuun baatii kabajamaa kana dabarsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015