Pirezidaantiin Aljeeriyaa yeroo shanaffaaf akka hin dorgomne beeksisan

142

Bitootessa 3/2011  Pirezidaantiin Aljeeriyaa Abdulaziiz Botefiliikaa bara faranjootaa Ebla 18 akka adeemsifamu kan eegamu filannoon pirezidaantummaa biyyattii akka dheeratu murteessaniiru.

 "Filannichaaf hin dorgomu, fuulduraaf rippaabiliikiin Aljeeriyaa haaraan akka hundeeffamun hojjedha " jedhaniiru.

Pirezidaanti Abdulaziiz filannoo barana adeemsifamu akka dorgoman beeksisuusaaniitiin torbeewwan darban walitti fufuudhaan mormiin isaan mudatee ture.

Waggoota 20f Aljeeriyaa kan hoogganan Botefiliikaan, bara faranjootaa 2013 irraa eegalee dhukkuba Istirookiitiin dararamanii irra caalaa yaalarra turaniiru.

Umuriinsaanii wagga 82 kan ta'e Botefiliikaan, Filannoon Ebla dhufu Adeemsifamu akka dheeratu yoo murteessanis guyyaan itti adeemsifamu hin murtoofne.

Biyyattiitti muudamni kaabinee akka adeemsifamus dubbatamaa jira.

Pirezidaantichi aangoo ni gadhiisu moo hin gadhiisan kan jedhu amma ammaatti yoo hin beekamnellee, ministirri muummee Aljeeriyaa Ahimad Ayaahiyaa fedhiisaaniitiin aangoo gadhiisuusaanii beeksisaniiru.

Ayaahiyaan ministira biyya keessaa Nureddiin Beduuyitiin kan bakka bu'an yoo ta'u, ministirri muummee haaraas kaabinee haaraa akka hundeessan odeeffannoowwan dhaga'amaniiru.


Madda-'BBC'

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015