Kaleessa galgala balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa Birrii miiliyoona 1.5 irra miidhaan qaqqabee

80

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (TOI)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Laaftootti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamuurra miidhaan qaqqabuu abbaan taayitaa balaawwan ibiddaa tasaa ittisuu fi to’achuu magaalichaa ibseera.

Daayreektarri kominikeeshinii abbaa taayitichaa obbo Gulaltaa Geetahuun Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti kutaa magaalaa Laaftoo aanaa 2 naannoo Makkannisaatti kaleessaa halkan sa’aatii 11 balaan ibdiddaa kun kan umamee.

Sababaan ka'uunsa balaa ibiddaa kun yeroof akka hin beekamnees himameera.

Balichaan qabeenyi Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamuu miidhaamee yoo ta’u, qabeenyii Birrii miiliyoonaa 7tti tilmaamamuu immo balaa kanarra oolchuun danda'ameera.

Balaan kun kaaree 45 irraa kan qababee yoo ta'uu sababaa kananis manneen jireenyaa, Suuqiwwanirran balaa geesiseera.

Balaa ibiddaa qaqabee kan dhaamsuuf hojjettoon ittisa balaa 35 Konkolataan balaa ibiddaa dhaamsuu 6 fi Ambuulaansiin tokko hirmaachun balicha daqiqaa 30 keessatti to'anna jala olchuus himaniru.

Ka’umsa balichaa qulqulleessuuf poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuus himaniiru.

Balaa kanaan namarra balaan qaqabee hin jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015