Paartileen siyaasaa duula na filadhaa miidiyaaleedhan jalqabuf

50

Finfinnee,29/2013 (TOI)- Filannoo biyyaalessa marsaa 6ffaa bara kana geggeeffamu irratti paartileen siyaasaa hirmaatan duula na filadhaa bor irraa egalee miidiyaaleedhan geggeessu akka danda'an Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.

Paartilee siyaasaaf saatiin tamsaasa miidiyaalee bilisaan duula na filadhaa irratti geggeessan qodamaafii jira.

Sirni rammaddii qooddii carraan kan taasifamaa jiru yoo ta'uu kan raawwachaa jirus Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi Abbaa Taayitaa Biroodikaastinig Itoophiyaati.

Haaluma qodinsa kanaan Paartileen siyaasaa Bitootessa 30/2013 irrra jalqabanii hagaa Ebila 232013 saatii kanatti fayyadamuun duula na filadhaa geggeeffachuu danda'u jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015