Naannoo Oromiyaatti lakkoofsa ummataa fi manaa adeemsisuuf Qophiin Xumurameera

66

Finfinnee Bitootessa 3/2011 Naannoo Oromiyaatti lakkoofsa ummataa fi manaa adeemsisuuf qophiin xumuramuusaa bulchiinsi mootumaa naannichaa beeksise.

Hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daammxew gaazexesssitootaaf ibsa kennaniin akka beeksisanitti, qophiiwwan taasifaman keessaa waajjirri komishinii lakkoofsa manaa fi ummataa naannoo irraa amma aanaatti banamuusaa addeessaniiru.

Sanadoonni afaan Oromootiin qophaa’anii akka tamsaafamanii fi hojiin hubannoo uumuu akka hojjetame obbo Admaasuun dabalanii ibsaniiru.

Kana malees hojii kana olaantummaadhaan kan gaggeessu komishiniin lakkoofsa manaa fi ummataa itti aanaa pirezidaantiitiin gaggeeffamuu fi seektaroota kanneen akka  komishinii pilaanii, barnoota, fayyaa, qonna, waldaalee siiviikii, abbootii gadaa, abbootii amantaa irraa akka ta’e eeraniiru.

Koreen komunikeeshinii fi miidiyaa naannoo irraa amma gandaatti hundaa’uusaas beeksisaniiru.

Sadarkaa naannootti leenjiin leenjistootaa namoota 30f kennamuusaa kan ibsan obbo Admaasuun, jiddugaleessota Adaamaa, Jimmaa fi Naqamteetti namoota hojii kana raawwachiisan 400f leenjiin kennamuusaas himaniiru.

Bitootessa 12-24/2011tti hojii kana kan raawwachiisan namoota kuma 60f leenjiin akka kennamu kan eeran hoogganaan kun, Bitootessa 29/2011 guyyaa ayyaana lakkoofsa ummataa fi manaa ni kabajama jedhaniiru.

Lakkoofsi ummataa fi manaa Ebla 10-20/2011tti akka adeemsifamus ibsa kennamerraa beekuun danda’ameera.

Lakkoofsa ummataa fi manaa adeemsisuuf “qophiin kaartaa fi bakka lakkoofsi itti adeemsifamu qoqqooduun xumurameera” kan jedhan ammoo ejensii jiddu galeessaa istaastiksiitti itti gaafatamaa komishinii lakkoofsa ummataa fi manaa Oromiyaa obbo Sheekkoo Gurruu ti.

Akka naannoo Oromiyaatti iddoowwan lakkoofsi manaa fi ummataa itti adeensifaman kuma 54 qophaa’uusaa kan himan hoogganaan kun, bakki lakkoofsi itti adeemsifamu magaalaatti maatiin 175,  baadiyyaatti maatii 125 kan qabu akka ta’e dubbataniiru.

Lakkoofsi ummataa fi manaa yeroo afraffaaf adeemsifamu kun galma akka ga’u hawaasni faayidaasaa hubatee yeroo taa’eef keessatti akka xumuramu  hirmaannaa walirraa hin cinne taasisuu akka qabu hooggantoonni kunneen dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015