Teeknooloojiin duumeessa gara roobatti jijjiiru oomishaafi oomishtummaa biyyattii dabluu keessatti ga'ee olaanaa qabachuu danda'a - Doooktar Abiy Ahimad

55

Finfinnee,Bitootessa 25/2013(TOI)- Itoophiyaatti Teeknooloojii duumeessa gara roobatti jijjiirun oomishaafi oomishtummaa biyyattii dabluu keessatti ga'ee olaanaa qabachuu danda'uf ni hojjetama jedhan ministirri muummee FDRI Doooktar Abiy Ahimad.

Qabeenya Uumamaa bifa ilma namaatiif mijataa ta’een hojiirra oolchuun hiyyummaa furuun ni danda'ama jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Teeknooloojiin duumeessa roobsu kun haga ammaatti biyyoonni addunyaa 50 ol ta'an duumeessa roobsuufi cabbiin kuufame balaa akka hingeessisne gochaa jirus jedhaniru.

Itoophiyaatti teekinoolojii kana hojirra yeroo oolfamu Naannoo Gammojjiitti hanqina nyaata beeyladaa mudatu furuu akkasumas hidhi lagewwanii yemmuu hir’ate guutuuf teeknooloojiin duumeessa roobsuu kun faayidaa olaanaa qabaachuus ibsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015