Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti duula na filadhaa eegale.

51

Finfinnee,Bitootessa 24/2013(TOI)- Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti karaa ifa ta’een duula na filadhaa eegaleera.

Miseensonni Paartichaa Magaalaa Harariitti naannawa “ Hamareessaa” naanna’uun duula deeggarsaafi na filadhaa guyyaa Kaleessaarraa eegalanii gaggeessuurratti argamu.Duulichaarratti Paartichi paartii misoomaa, tokkummaafi badhaadhinaa ta’uu mul’isaniiru.

Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii obbo Abduljabbaar Mahammed dabalatee qondaaltoonni olaanoo paartichaa biroo, miseensonniifi deeggartoonni paartichaa duulicharratti hirmataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015