Bulchiinsi magaalaa Finfinnee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaaf badhaasaa jajjabeessituu laate

72


Finfinnee, Bitootessa 23/2013 (TOI) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa badhaasa jajjabeessituu laateera.

Bulchiinsi magaalichaa kan Waancaa Afrikaa 33ffaaf darbee kanaaf birrii miiliyoona 5.6 badhaaseera.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa gamtaan hojjetee bu’aan argamsiise daraan gammachiisaa fi kan dinqisiifamu ta’uu itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadaanachi Abeebee ibsan.

Tokkoon tokkoo Koree hojii raawwachiiftuuf birrii kuma 40, Pireezdaantii Federeeshiinii Kubbaa Miilaa Isaayyaas Jiraaf birrii kuma 90, Leenjisaa garichaa Wubatuu Abaateef birrii kuma dhibba 2, tokkoon tokkoo taphaattootaaf birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50, tokkoon tokkoo taphattoota eeggatummaan hirmaatan kuma dhibba1 badhaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015