Godina Matakkal Magaalaa Gilgal Balasitti hidhattoonni galgala hanna raawwachaa turan to’ataman.

71

Finfinnee,Bitootessa 23/2013(TOI)- Naannoo Beenishangul Gumuuz Godina Matakkal Magaalaa Gilgal Balasitti galgala jiraattota meeshaan sodachisuun hanna rawwachaa kan turan miseensa humna addaa naannichaa tokko dabalatee miseensonni shiftaa 7 to’annoo jala oolaniiru.

Magaalattitti iddoo kaampii Chaayinaa jedhamutti hidhattoonni galgala socho’uun mana namoota dhuunfaa dhaqanii meeshaan sodachisaa hanna raawwataniiru.

Yakka kana kan raawwatan miseensa humna addaa naannichaa tokko dabalatee miseensonni shiftaa 7 to’annoo jala oolu koomandi poostin naannichaa beeksiseera.

Qindeessaan komandi poostichaa godinichaa Letenal Janaral Asrat Denneroo hidhattoonni kunneen balbala jirattoota humnan rukutaafi meeshaan sodachisaa mallaqaa yoo fudhatan eeruu ummataan kennameen raayyaa Ittisa Biyyaan to’atamaniiru jedhan.

Komaandi poostichis dhimma namoota yakkaan shakkamanii qorachaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015