Hidhatoonnii ABO Shanee uummata nagaa 28 irratti haleellaa raawwate-Komiishinii poolisii Oromiyaa

985

Finfinnee, Bitootessa 22/2013 (TOI)-Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel ganda Booneetti kaleessaa ABO Shaneen uummata nagaarratti haleellaa raawwachuu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiseera.

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ibsa Miidiyaaleef laataaniin, aanaa Baabboo Gambeel ganda Booneetti sa’aatii 3tti jiraattootaa naannichaa humna baasuun iddoo tokkotti halleellaa raawwachuu himaniiru.

ABO Shaneen haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiseen namoota humnaan baasee keessaa 28 yoo du’aan 12 ammoo mada’aniiru jedhan.

Halleellichi dhalattootaa Oromoo fi Amaaraarratti raawwatameera jedhan.

Haalicha tasgabeessuuf humni baldhinaan qaqqabee hidhattootaa ABO Shanee 3 irratti tarkaanfii kan fudhate yoo ta’u, kanneen hafaan to’annaa jala olchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Koomishinichi gaaga'ama lubbuu lammiilee nagaa irra gaheen gaddi guddaan kan itti dhagahame ta'uu ibsaniiru.

Hidhattoonni ABO Shanee ergama badii garee Juntaa irraa fudhataniin biyyattiin akka nagaa hin taanee, rakkoo keessaa akka galtuu gochuu fi sabaaf sablamoota walitti buusuuf socho'anille tokkummaa biyya kanaa diiguu kan hin dandeenye ta'uu ibsaniiru.

Maatii fi firoottan rakkoo kanaaf saaxilaman hundaaf Komishiinii Poolisii Oromiyaa jajjabina qabu hawweera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015