Ambaasaaddar Diinaan ibsi kaleessa laatan kallattiin hin taaneen hubatamuu beeksiisan

53

Finfinnee, Bitootessa 22/2013 (TOI) – Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsi kaleessa laatan kallattiin hin taaneen hubatamuu beeksiisaniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa Kibxata kennaniin walqabatee, wantin waa'ee Eertiraa dubbadhe akka hin taanetti hubatame jedhaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa ibsa kennaniin viidiyoon gabaabaa waa'ee Eertiraa itti dubbatan miidiyaalee hawaasummaa tokko tokko kallattii hin taaneen ibsaaniiru jedhan.

Lammiileen Eertiraa dubbichi kallattii hin taaneen hiikkamuu isaa akka beekan hubachiisaniiru.Mootummaa Itoophiyaas ta’ee Ministeerri Dhimma Alaa walabummaa Eertriraan akka biyyaatti qabduuf ejjennoo hin jijjiirramne qabu jedhan.

Anis akka dhuunfaa kootti Birmadummaa Eertiraa nan kabaja jechuun ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan burjaajii uumameef dhiifama gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015