Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa kan babal’isuudha

103

Finfinnee, Bitootessa 21/2013(TOI) - Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa kan babal’isuu ta’uu, Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Sab-qunnamtii beeksise.

Manni maree dhaabbilee sab-qunnamtii Itiyoophiyaa ‘imaammata miidiyaa Itiyoophiyaarratti yaadota ijoofi tamsasa beeksisaarratti gahee dhimmamtootaa’ mata duree jedhurratti ogeeyyii damichaa waliin mari’ateera.

Hoogganaan waajjira Abbaa Taayitaa Dhaabbilee sab-qunnamtii Itiyoophiyaa,Obbo Gizaawu Tasfaayee marii kanarratti barreeffama ka’umsaa dhiyyeessaniiru.

Biyyattitti Imaammanni dhaabbilee sab-qunnamtii of danda’e kan bahe murteewwan imaammataa 22 ta’an hammachuun akka ta’ee himaniiru.

Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa ni babal’isas jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015