Ministeerri dhimma alaa lammiilee biyya alaa balaa xiyyaaraatiin lubuunsaanii darbeef ambaasaaddaroota isaaniif ibsa ni kenna

73

Finfinnee Bitootessa 2/2011 minisirri dhimma alaa lammiilee biyya alaa balaa xiyyaaraatiin lubbuunsaanii darbe ambaasaaddaroota isaaniif ibsa kennuufi.

Kaleessa Finfinneerraa ka’ee gara Keeniyaa Naayiroobiitti osoo balali’uu kufee kan caccabe Xiyyaarri daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ‘ET’ 302 booyiingi  737 maaksi  imaltoota biyyoota 35 namoota 149 fi keessummeessitoota 8 qabatee akka ture ni beekama.

Imaltoota keessaa 32 lammii keeniyaa yoo ta’an, 17 Itoophiyaanota, kanneen hafan ammoo  lammiilee biyyoota birooti.

Balaan kun kan qaqqabe kaleessa ganama buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleerraa ka’ee daqiiqaa 6 booda ta’uun kan ibsame yoo ta’u, sababni balaa kanaa amma ammaatti hin beekamne.

Waa’ee balaa kanaa odeeffannoo ni kenna jedhamee kan amanamu saanduqni odeeffannoo(black box) argameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015