Pirezidaantiin Chaayinaa Zhi pingi balaa Xiyyaaraa mudatetti gadduusaanii ibsan

47

Finfinnee Bitootessa 1 /2011 Pirezidaantiin Chaayinaa Zhi Piingi Xiyyaarri Itoophiyaa booyiingi 737 maksi 8 kufuusaatiin namoota lubbuunsaanii darbeef gadduusaanii ibsan.

Karaa wal fakkaatuun ministirri muummee Liikaa Keyaangis gadda itti dhaga’ame ibsaniiru. Mootummaansaanii deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Pirezidaantiin Chaayinaa Zhi Piingi pirezidaanti Saahilawarqiif ergaa erganiin, gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Haala kanaan maqaa ummataa fi mootummaa Chaayinaatiin gadda itti dhaga’ame pirezidaanti Saahilawarqiif kan ibsan Zhi Piingi, maatii wareegamtootaaf jajjabina hawwaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas balaa kanaa booda hojii hojjetamu ga’umsaan akka raawwatu amantaa qaban eeraniiru.

Haala wal fakkaatuun ministirri muummee Chaayinaa Liikaa Keyaangi ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif balaa kanaan lubbuu namaa darbetti gadduusaanii ibsaniiru.

Balaan lubbuu namoota 157 galaafate kun namoonni lammummaa  Chaayinaa fi Itoophiyaa qaban jiraachuusaanii kan eeran hooggantoonni kunneen, maatiisaaniif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015