Poolisiin qaamolee odeeffannoo sobaa tamsaasaan akeekkachiise

62

Finfinnee, Bitootessa 13/2013 (TOI)- Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee qaamolee haleellaan sabummaa fi amantii bu’ureeffatee rawwatamuufi jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasaan akeekkachiisera.

Komiishinichi ibsa baaseen miidiyaalee hawaasa tokko tokkoorratti odeeffannoowwan hawaasa burjaajeessaan tamsa’aa jira jedheera.

Odeeffannoon sobaa miidayalee hawaasan tamsaa’aa jiru jechuun poolisiin Bulchinsa magaalaa Finfinnee eeres dargaggoonni uuffata seeraa poolisii magaalaa Finfinnee uffachuun garuu immoo waraqaa eenyummaa hin qabne manaa manarraa naanna’uun sabummaa fi amantii galmeessa jiru kan jedhu isa tokkodha jedhera.

Poolisiin humnoota farreen naeenyaatin odeeffannoo sobaa hawaasa burjaajeessuuf akkasumaas sabaa fi sablammii walitti buusuuf hawaasarratti sodaa nageenyaa uumuuf ta’ee jedhamee karoorfamee akka tamsa’ee ibseera.

Hawaasni odeeffannoowwan sobaa tamsaa’aa jirurra of qusachuu akka qabuu poolisiin yaadachiiseera.Hawaasni deeggarsa hojii nageenyaa taasisaa jiruu cimsee akka itti fufuu waamichii dhiyaateera.

Tajaajilaa poolisii argachuufis ta'e dhimmoota shakkisisaaf eeruu laachuuf sararrii bilbilaa bilisaa 991 ykn lakkoofsaa bilbilaa 01-11-11-01-11 kanatti fayyadamuun eeruu laachuu akka danda’amuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015