Kaadhimamaan filannoo Pireezdaantummaa Koongoo Biraazavil dhibee Covid -19 du’an.

59

Finfinnee, Bitootessa 13/2013 (TOI) - Kaadhimamaan filannoo Pireezdaantummaa Koongoo Biraazavils Gaay Biriis Koolalaas filannoon gaggeeffamee guyyaa tokko booda sababa dhibee Covid -19 du’aan addunyaa kanarraa darban.

Jala bultii filannoon gaggeeffamuuf turetti gara Hospitaalaa kan galan Gaay Biriis Koolalaas yaala dabalataaf gara Faransaay wayita imalaa jiran Xiyyaara keessatti lubbuun isaanii darbuu ibsameera.

Filannoon Pireezdaantummaa Koongoo guyyaa kaleessaa gaggeeffameera.

Pireezdaantiin biyyattii Deeniisa Saaniis waggoota 36ffaaf Koongoo bulchaniiru.Filannoo kaleessa gaggeeffameeniis tilmamaamni moo’achuu laatameefira jedhame.

Maddi :- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015