Barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereez balaa xiyyaaraa mudatetti gadduusaanii ibsan

131

Finfinnee Bitootessa 2/2011 barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereez balaa xiyyaaraa Itoophiyaatti mudateen namoota lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhaga’ame ibsan.

Kaleessa Finfinneerraa ka’ee gara Naayiroobiitti balali’aa kan ture qabeenya Itoophiyaa kan ta’e xiyyaarri booyingi 737 maaksi 8 naannawa Bushooftuu fi Moojoo iddoo Ejerii jedhamutti kufee caccabuunsaa ni beekama.

Xiyyaarri lakkoofsa balallii ‘ET’ 302 ta’e imaltoota 149 fi hojjettoota daandii qilleensaa 8 fe’ee balallii erga jalqabee daqiiqaa 6 booda kufee caccabuusaatiin lubbuun namoota 157 darbeera.

Namoota lubbuunsaanii darbe 157 keessaa 17 qopheessummaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti wal ga’ii eegumsa naannoorratti hirmaachuuf garas deemaa kan turan hojjettoota dhaabbatichaati.

Barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereez “namoota sababa balaa kanaatiin lubbuusaanii dhabaniif gaddi akka itti dhaga’ame” ibsuusaanii bakka bu’aan oduu Ameerikaa Asoosiyeetid pirees weebsaayitiisaarratti barreesseera.

Barreessaan olaanaa kun maatii fi firootasaanii balaa kanaan lubbuusaanii dhabaniif  keessumaammoo mootummaa Itoophiyaatiif jajjabina onneerraa madde kan hawwan yoo ta’u, dhaabbatichi lammiilee balaa kanaan miidhamanii cinaa akka dhaabbatu hubachiisaniiru.

Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee anga’oonni olaanoo mootummaa Itoophiyaa balaa qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Manni mare bakka bu’oota ummataa RFDI guyyaan har’aa guutuu biyyaatti guyyaa gaddaa akka ta’u murteesseera.

Kanaaf Alaabaan biyyattii har’a Bitootessa 2/2011 guuuu Itoophiyaatti gadi hiiqee kan fannifamu ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015