Komishinichi miseensoota nageenyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti leenjii fudhatan 610 eebbise

62

Finfinnee, Bitootessa 10/2013 (TOI) – Komishiniin Poolisii Federaalaa miseensoota nageenyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti leenjii fudhatan 610 eebbiseera.

Miseensoonni guyyaa har’aa eebbifaman filannoo biyyaalessaa 6ffaa ilaalchisuun baatii tokkoo ol hojiirratti leenjii kan fudhatanidha.

Eebbiffamtoonni turtii isaaniin, leenjii kora bittineessa, sochii qaamaa fi loltummaa akka fudhatan itti aanaan ajaja naannoo tokkoo Komaandar Abdiisaa Baayisaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015