Godinichatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetameen hanga ammaatt hidhattoonni kumni 3 ol harka laataachuu ibsame

57

Finfinnee, Bitootessa 7/ 2013 (TOI) - Godina Matakkalitti hidhattoota karaa nagaan harka laataniif leenjiin haaromsaa kennamuuf ta’uu koreen Humna Qindoomaa Godinichaa beeksiiseera.

Godina Matakkalitti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetameen hanga ammaatt hidhattoonni kumni 3 fi 230 karaa nagaan harka laachuu itti aanaa Ajajaan Izzii Lixaa fi miseensi korichaa Birigaadeer Jeneraal Waldee Alamaayyahu ibsaniiru.

Hidhattoota karaa nagaan harka kanneeniif leenjii haaromsaa laachuuf qophiin xummuramuu ibsaniiru.

Koreen Humna Qindoomaa Godinichatti hundaa’e jiraattoota waliin dhimmoota haala yeroorratti marii taasiiseera.

Hidhattoonni karaa nagaan harka laatan kunneen nageenyaa, misoomaa, guddina diinagdee fi ijaarsa sirna diimookraasii naannichaa keessatti qooda isaanii akka ba’an leenjii haaromsaa laachuuf qophiin xummuramuu itti aanaa Ajajaan Izzii Lixaa fi miseensi Korichaa Birigaadeer Jeneraal Waldee Alamaayyahu ibsaniiru.

Humnoota hidhatan ilaalchisee odeeffannoon miidiyaalee hawaasaarratti tamsa’aa jiru odeeffannoo sobaa ta’uu eeraniiru.

Jiraattoonni magaalaa odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaan tamsa’u odeeffannoo dogongoraa ta’uu hubachuun tokkummaa cimsuun nageenya naannoo isaanii akka eeggan hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Abiyoot Albooroon ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015