Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirramaa Itoophiyaa deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiiseera.

58

Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (TOI) – Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirramaa Itoophiyaa deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiiseera.

Haala waqtaawaa Itoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf guyyaa kaleessaa Waajjira Gamtaa Awurooppaa Beeljiyeem Biraasalsitti argamu fuulduratti hariirri gaggeeffameera.

Gamtaa Awurooppaatti daayreektarri tumsa idil addunyaa Afrikaa Bahaa fi giddugaleessaa hiriira deeggarsichaa ilaalchisee xaalayaa barreessaniiru.

Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirrama Itoophiyaan hojjechaa jirtu deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiisuun, Itoophiyaan biyyoota gamticha waliin harriiroo tarsiimoo waloo qaban muraasa keessaa ishee tokko ta’uu eeraniiru.

Gamtichi fedhii Itoophiyaa kan hubata ta’uun ibsuun, deeggarsa Itoophiyaaf taasiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.

Rakkoon namoomaa naannoo Tigraay keessa jiru kan isa yaaddeesse ta’uu eeruun, naannichaatti seeroonni godaantoota idila addunyaa fi mirgi namoomaa akka kabajamu waamicha dhiyeeseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015