Galmeen kaadhimamtootaa Filannoo Gurraandhala 30 xummuramuusaa, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

140

Finfinnee,1/2013(TOI)- Galmeen kaadhimamtootaa Filannoo Gurraandhala 30 xummuramuusaa, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Baardiin filannoo biyyaalessaa galmee kaadhimamtootaa Filannoo Gurraandhala 3 irraa eegalee marsaa lamaan galmeessaa turera.

Sababoota garaa garaanis guyyaa galmee kana dabaluun iyyannoo Paartilee siyaasaa baardichaaf dhiheessan furaa turuu Boordichi beeksiseera.

Galmeen Kaadhimamtootaa guyyaa kaleessaa Gurraandhala 30 bara 2013 ifaan xummuramuusaa Boordichi beeksiseera.

Rakkoo Boordii Filannoon walqabatee bifa addaan waan ilaalamurraa kan hafe galmeen kaadhimamtootaa Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa xummuramuusaa boordichi beeksiseera.

Maqaan Kaadhimamtootaas dhiyeenyatti akka ifoomanis beekiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015