Mootummaa fi ummanni naannoo biyyaalessaa Gaambeellaa balaa Xayyaaraa qaqqabetti gadduusaa ibse

61

Gambeellaa Bitootessa 1/2011 Mootummaa fi ummanni naannoo biyyaalessaa Gaambeellaa balaa Xayyaara daandii qilleensaa Itoophiyaarra ga'e tti gadduusaa ibse.

Manni marichaa ibsa tajaajila oduu Itoophiyaaf ergeen akka mul'isetti, xayyaarri Finfinneerraa ka'ee gara Naayiroobii deemaa ture balaa irra ga'etti baay'ee gaddeera.

Balaa kanaan maatii fi firoota lammiilee lubbuusaanii dhabaniif akkasumas ummata Itoophiyaa hundaaf jajjabina hawwaniiru.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa dinagdee biyyattiif gumaacha taasisaa jiruun dabalatatti Itoophiyaan addunyaarratti akka beekamtu kan taasise dhaabbata biyyattii ta'uusaas ibsi kun beeksiseera.

Godina Shawaa bahaa aanaa gimbichuu ganda baadiyyaa Tulluu Faraa jedhamutti kan kufe xayyaarri kun, qilleensarra kan ture daqiiqaa 6 qofa.

Namoonni xayyaara kana keessa tura 157 yoo ta'an, kanneen keessaa saddet hojjettoota daandii qileensaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015