Afriikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koronaan du’anii kuma 105 ol darbe.

46

Finfinnee,Gurraandhala 29/2013(TOI)- Afriikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koronaan du’anii kuma 105 ol darbe.

Afriikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koronaan du’anii kuma 105 fi 722 irra gahuu giddugalli to’annoofi ittisa dhibee Afriikaa gabaasa torbeesaan beeksiseera.

Akka gabaasa giddugalichaatti tatamsa’inni vaayirasichaafi lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’anii ammas dabalaa jira.

Gabaasni torbee biyyoota miseensoota Gamtaa Afriikaa akka agarsiisutti laammilee lubbuun isaanii darbeerratti dabalataan namoonni miiliyoona 3 ol vaayirasichaan kan qabamaniidha.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaarraa dandamatan immoo miiliyoona 3fi kuma 540 ol gaheera.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa hedduun carraqqii tamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuuf taasisaniin cinaatti talaalliwwan gara biyyaasaanitti galchuurratti argamu.

Hanga ammaattis biyyoonni kanneen akka Morokoo,Ijipti,Gaanaafi Afriikaan Kibbaa biyyoota lammiileesaanii talaaluu jalqabaniidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015