Balaa dhohiinsa guddaa Ikkuwaatooriyaal Giinii magaalaa Baataa raaseen yoo xiqqaate namoonni 15 kan du'an yoo ta'u dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.

85

Finfinnee,Gurraandhala 29/2013(TOI)-Balaa dhohiinsa guddaa Ikkuwaatooriyaal Giinii magaalaa Baataa raaseen yoo xiqqaate namoonni 15 kan du'an yoo ta'u dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.

Dhohiinsa naannawa iddoo jireenyaa humna waraanaa biyyattiitti kaleessa, Dilbata 07,03,21 mudate kanaan namoonni 500 ta'an miidhamaniiru.

Ka'umsi balaa kanaa mooraa humna waraanaa keessatti meeshaan waa barbadeessuuf oolu (dynamite) of-eeggannoo dhabuudhaan seeraan ala dhukaafamuudha jedhan pirezidaantiin biyyattii Tewodroo Obiyaang Nguema.

Balaa dhohiinsaa guddaa kanaan manneen magaalaa Baataa keessa jiran hundi raafamaniiru, miidhamaniirus jedhan pirezidaantiin kun.

Taateen kun wayita qonnaan bultoonni lafa naannawa iddoo jireenyaa loltoota biyyattii gubanitti ta'uu himan pirezidaantichi.

Balaa mudateen booda viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifamaa ture magaalattiin aara gubataan kan ukkaamamtee fi namoonni wayita dheessan agarsiisa.

Namoonni miidhaman hedduu ta'uurraan kan ka'e hospitaalonni dhiphataniiru, kanneen miidhaman wayita lafarra ciisan suuraa fi viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfame ni mul'isa.

Balaa kana hordofee imbaasiiwwan dippiloomaatonnii fi qondaaltonni biyyattii gaddasaanii ibsataniiru.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015