Dubartoota fayyadamoo kan taasisu walta’insa, tokkummaa, jaalala, sosochii gurma’insaafi qindoomina qabu jedhan Kaantibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebee.

82

Finfinnee,Gurraandhala 28/2013(TOI)- Dubartoota fayyadamoo kan taasisu walta’insa, tokkummaa, jaalala, sosochii gurma’insaafi qindoomina qabu jedhan Kaantibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebee.

Guyyaa dubartootaa idil-adduunyaa bara kanaa ilaalchisuun yaada “hirmaannan dubartootaa badhaadhina hundagaleessaf” jedhuun sosochiin jabeenya qaamaa sadarkaa magaalaatti Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.

Sagantaa kanarratti Kaantibaan Ittaantuu Magaalaa Finfinnee haasawa taasisaniin dubartoonni fayyadamoo akka ta’aniif sarbama mirga namoomaa isaanirra gahu ittisuuf waliin gurma’uufi hirmaachuu qabu jedhaniiru.

Dubartoonni har’a mirgasaanii ni beeku kan jedhan aadde Adaaneech kanaaf dubartoonni hunduu walta’insaan, tokkummaan, jaalalaan, waldanda’uun, waliiyaaduun sosochii gurma’insaafi qindoomina qabu taasisuutu isaanirraa eeggama jedhaniiru.

Sosochii jabeenya qaamaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameefi dubartoonni kuma 50 ol irratti hirmaatanirratti hoggantoonni olaanoon mootummaa, dubartoonni kutaalee magaalaa hundarraa walitti dhufan, atileetoonni dubartootaa bebbekamooniifi artistoonni hirmaataniiru.

Maddi; pirees seekireetaariyaatii Magaalaa Finfinnee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015