Kubaaniyaan kanfaltii karaa dijitaalaa raawwatu kan biyya Naajeriyaa 'Paga' jedhamu tajaajila isaa gara gabaa Itoophiyaatti babaal'isuuf fedhii akka qabu beekisiseera.

53

Finfinnee, Gurraandhala 26/2013 (TOI) - Kubaaniyaan kanfaltii karaa dijitaalaa raawwatu kan biyya Naajeriyaa 'Paga' jedhamu tajaajila isaa gara gabaa Itoophiyaatti babaal'isuuf fedhii akka qabu beekisiseera.

Kubbaniyaan kun tajaajiluma wal fakkatu gara gabaa biyya Meeksikoottis babaal'isuu akka barbaadu beeksiseera.Haga ammaattis haala hojii biyyoota lamanii kan qoratee fi tajaajila kennuuf qophii gocha akka jiru kan hime

Kubaaniyaan kanfaltii karaa Dijitaalawwaa kun haala gabaa biyya ollaa Naajeriyaa kan taate Gaanaas carra jiru fayyadamuuf hordofaan jira jedhera.Garagaraan hundeessa Kubaniyaa Paga kan ta'aan Pagajeey Itoophiyaa fi Meeksikoon akkuma naajeriyaa gabaa gudda kan qabaniifi haalli itti fayyadama maallaqaa isaanis waan wal fakkatuuf carra kana fayyadamuuf akka filatan himaniru.

Naajeriyaatti tajaajila kanfaltii Paga kana fayyadamuun 2009 irra jalqabee doolarri biiliyoona 2 oliin hojiin bittaa fi gurgurtaa adeemsifameera.

Hojii haaraa kana yoo jalqabu immoo sirna bittaa fi gurgurtaa kana doolara miiliyoona 4 oliin geggeessuuf karoorfachuu Gardiyaan biizinees gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015