Boordiin Filannoo Biyyaleessaa galteewwaan dijiitalaa mataa isaa itti fayyadamu waan qabuuf eegumsa kuufama saayibarii keessa galeera jedhame.

62

Finfinnee,Gurraandhala 26/2013(TOI)– Boordiin Filannoo Biyyaleessaa galteewwaan dijiitalaa mataa isaa itti fayyadamu waan qabuuf eegumsa kuufama saayibarii keessa galeera jedhame.

Boordiin Filannoo Biyyaleessaa odeeffannoo filannoof itti gargaaramu galtewwaan diijitala mataa isaa waan qabuuf eegumsa kuufamaa saayibarii keessa galuu Ejansiin Odeeffannoo fi Tiika-Nageenyaa Biyyaaleessaa beeksise.

Ejansichi dhaabbilee filannoo biyyaaleessaa irratti hirmaatan haleellaan tajaajila odeeffannoo isaanii irra akka hin qaqqabnef qophiin taasifamu beeksisera.

Daarektarri Olaanaan Ejansicha Dr. Shumatee Gizaaw, kuufamni saabarii biyyatti eeggamus dhaabbileen filannoo kana irratti gahe isaani kara sirriin hojiirraa kan hin oolchinefi humna namaa gaha yoo hin ramadneef mataa isaanii haleellaa saayibeeriif of saaxilu akka danda’an hubachiisaniiru.

Haleellaa kana hambisuuf sa’atii 24 kan hojjetu gareen “Saaybar Reedines Tiim” hundeffamun gara hojiitti galu himaniru.

Haleellaa qaqqabsiiftoonni addaa paartilee siyaasaa, hoggansaafi dhaabbileen biroo filannoo kana wajjin hirmannaa kallattin qaban odeeffannoo hiidhuun miidhaa akka hin qaqqabsifne qaamoolee dhimmi ilaallatu wajjin qindoominan kan hojjetamu ta’u Dr. Shumateen himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015