Yuunivarsitiin Finfinnee, hojiilee rakkoo hawaasaa hiikuu jalqabee cimsuun itti fufu qaba jedhan Pireezidaanti Saahlawarqi Zawdee.

103

Finfinnee,Gurraandhala 26/2013(TOI)- Yuunivarsitiin Finfinnee, hojiilee rakkoo hawaasaa hiikuu jalqabee cimsuun itti fufu qaba jedhan Pireezidaanti Saahlawarqi Zawdee.

Yuunivarsiitiichi hundeeffamaa waggaa 70ffaa isaa kabajaa jira.

Pireezidaantii Saahlawarqi, Yuunvarsiitiin Finfinnee, yuunvarsiitii hangaafaa ta’uu ibsun, bartootaa Afriikaa baay’eef carraa barnootaa kennuun gumaachaa guddaa taasiseera jedhan.

Yuunvarsiitichi yeroo maqaa Yunvaarsiitii Hayila Silaasee 1ffaa jedhame waamama turettis, bartoota akka Afrriikaatti hooggansaaf filaman barsiisuun gahe isa bahaachaaa ture jedhaniiru.

Yeroo waggaa 70ffaa isa kabajuus ciminaa isa qofa ilaaluu osoo hin tahin, hanqinaa qabu ilaaluun irratti hojjechuu qabas jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana sadarkaan barnootaa biyyatti sadarkaa kennameefi irra hin jiru, kaan hiikuuf immoo rakkoon isaa maal akka ta’ee, adda baasuunifi rakkoo isaaf deebii qopheessuun gahe isa bahachuu qaba jedhaniiru.

Yuunvarsiitiichi qorannoo gama Saayinsi, Teeknoloojiifi Hawaasummaan jiru hiikuuf jalqabee cimsee itti fufu qabas jedhan Pireezidaanti Saahlawarqi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015