Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan darbanitti biyyattitti nagaafi tasgabbiin akka uumamuufi waldanda’uun amantaa akka jiraatuuf hojjatamuu beeksise.

73

Finfinnee,Guraandhala 25/2013(TOI) - Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan darbanitti biyyattitti nagaafi tasgabbiin akka uumamuufi waldanda’uun amantaa akka jiraatuuf hojjatamuu beeksise.

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa bara hundeeffamasaa 2003 irraa jalqabee biyyattitti nagaafi tasgabbiin akka uumamuufi waldanda’uun amantaa akka jiraatuuf gahee matasaa bahaachuu beeksiseera.

Yaa’iin Dhaabilee amantaa 7 of keessaa qabu kun waggaa hundeeffamasaa 10ffaa ,Gurraandhala 28fi 29 magaalaa Jimmaatti,Bitootessaa 1 immoo Finfinneetti akka kabajuu ifoomseera.

Dhimma kana ilaalchise barreessa olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Qaasis Taagayi Taaddalaa ibsa kennaniiru.

Haaluma kanan hundeeffamni Yaa’ichaa Jimmaatti yoo kabajamu hojiiwwan ijaarsa nageenyaafi waldanda’uu amantaan waggootan darbee hojjate qorachuun hojii fooyyee qabu hojjachuufisi jedhameera.

Magaalaan Jimmaa kan filatamtes walitti bu’insa amantaa bara 1999 mudate ture hordofuun hojii hojjatameen, yeroo amma kana rakkinichi furamee magaalaa fakkeenya waldanda’uu amantaa waan taateefi jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015