Naannoo Tigraayitti jijjirama fiduuf tarkanfi Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin fudhatametti gammaduu Seenatar Jiim Inhoof himan.

79

Finfinnee,Guraandhala 25/2013(TOI)-Naannoo Tigraayitti jijjirama fiduuf tarkanfi Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin fudhatametti gammaduu Seenatar Jiim Inhoof himan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad tasgabbii qaxanaa jiruufi badhaadhina akka itti fufsisan nan amanas jedhaniiru.

Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad waliin haala yeroo Naannoo Tigraayifi dhimmoota qaxanaarratti mari’achuusaanii fuulaa Tiiwiitariisaanirratti ibsaniiru.

Naannoon Tigraayi deeggartoota idil-adduunyaaf banaa ta’uun qaxanichaa tasgabbeessunifi iftoomina uumuun cinaatti bu’aa qabatamaa akka qabu himaniiru.

Haala naannicharratti fuldurattis mari’achuufi furmaata barbaaduuf kan mari’atan ta’uu waliigalteerraa gahuusaanii himaniiru.

Jiim Inhoof “Naannoo Tigraayitti jijjirama fiduuf tarkanfi ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadin fudhatametti gammadeera,keessumaa tarkanfii dhaabbileen deeggartootaa idil-addunyaa akka galan fudhatameetti” jedhaniiru.

“Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad erga muudamanii bara (2018) ALA jalqabe hogganaa jijjiramaati;hojiinsaanis tasgabbii qaxanichaafi badhaadhina akka itti fufsisan nan amanas” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015