Doktor Warqinaa Gabayyoo dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa barreessaa olaanaa ta'uun muudaman

130

Finfinnee Guraandhala 29/2011 Ministirri dhimma alaa RFDI Dr. Warqinaa Gabayyoo dhaabbata mootummoota wal ta'aniitti gargaaraa barreessaa olanaa ta'uun muudaman.

Barreessaan olaanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Dr. Warqinaa ittigaafatamummaa olaanaa idil addunyaa kanaaf muuduusaanii ifa taasisaniiru.

Dr. Warqinaan dhaabbatichatti iddoo guddaatti kan muudaman Itoophiyaan gaanfa Afriikaatti nagaa fi tasgabbiin akka bu'u gumaacha taasifteen akkasumas isaan milkii galma egeree misooma dhaabbatichaaf ga'ee gaggeessummaa ba'aniin akka ta'e beekameera.

Ministirri kun teessoon isaa Naayiroobii keeniyaa kan taasise dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti kan argaman ejensiiwwan 18 qindeessuuf itti gaafatamni kennameeraaf.

Muudamni kun Itoophiyaan lammiilee hundaaf gumaacha taasifteef beekamtii kenname ta'uu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula tiwiitarii waajjira ministira muummeerraa argame akka agarsiisetti Dr. Warqinaa Gabayyoo Antooniyoo Gutareez muudamuusaaniitiin ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad erga baga gammdanii dabarsaniiru.

Dr. Warqinaa itti gaafatamummaa mootummaa olaanaa addaddaarratti waggoota 20f  biyyasaanii kan tajaajilan yoo ta'u, jijjiirama amma jiruuf ga'eensaanii olaanaa ta'uun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015