Boordiin Filannoo biyyaalessa Itoophiyaa fi Paartileen siyaasaa marii walitti fufiinsaan geggeessa jiran har’a marsaa 4ffaa mari’achaa jiru.

279

Finfinnee, Gurraandhala 24/2013(TOI)- Boordiin Filannoo biyyaalessa Itoophiyaa fi Paartileen siyaasaa marii walitti fufiinsaan geggeessa jiran har’a marsaa 4ffaa mari’achaa jiru.

Marii kanarratti bakka buutonnii paartilee siyaasaa mallattoo filannoo fudhatanii fi hooggantoonni boordii Filannoo biyyaalessa hirmaacha jiru.

Marii kanaan adeemsaa galmee kaadhimatoota filannoof dhiyaatan fi iyyatoota paartilee siyaasaa irraa dhiyaatan irratti furmaata kennaman irratti baal’inaan maryatama jedhameera.