“Dubartoonni carraan hojii haqa qabeessi yoo uumameef galmisaanii fagoodha”- Pirezidaanti Saahilawarqi

61

Finfinnee Guraandhala 29/2011  “Dubartoonni carraan hojii haqa qabeessi yoo uumameef galmisaanii fagoodha” jechuun pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee dubbatan.

Pirezidaantittiin kana kan jedhan kaleessa galgala hoteela Iskaayi laayititti daandiin qilleensaa Itoophiyaa guyyaa dubartootaa idil addunyaa sababeeffachuudhaan sirna balallii gara Noorweeyi Oslootti guutummaatti dubartootaan gaggeeffamu wayita bananitti dha.

Guyyaa dubartootaa idil addunyaa sababeeffachuun balallii Finfinnee ka’ee Iswiidin Istookoolmii fi Noorwaayi Oslootti taasifamu teekniishaanaa balalliidhaa amma xayyaara oofuutti dubartootaan akka hoogganamu ibsameera.

Sirnicharratti pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee,ministira dhimma dubartootaa fi daa’immanii Yaalemtsahaayi,hojii raawwachiisaa daandii qilleensaa Itoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaaram dabalatee ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Wayita kanatti pirezidaanti Saahilawarqi ergaa dabarsaniin, guyyaa dubartootaa idil addunyaa sababeeffachuudhaan balalliin guutummaatti dubartootaan hoogganamu taasifamuunsaa akka isaan gammachiise dubbataniiru.

Alaabaa Itoophiyaa baatee qilleensarra kan balali’u daandiin qilleensaa Itoophiyaa dippilomaatotaa olitii biyya keenya beeksisuusaa ibsanii, balallii dubartootaan hoogganamu taasisuunsaammoo biyyattii ummata addunyaaf akka beeksisu hubachiisaniiru.

“Dubartoonni carraan hojii haqa qabeessi yoo uumameef galmisaanii fagoodha” jedhaniiru pirezidaanti Saahilawarqi.

Hojii raawwachiisaa olaanaan daandii qilleensa Itoophiyaa obbo tawaldee Gabramaaram gamasaaniitiin, damee balallii hundatti dubartoonni ga’umsa qaban dhaabbaticha keessa jiraachuunsaanii balalliin amma adeemsifamu kun guutummaatti dubartootaan gaggeeffamuunsaatti akka boonan ibsaniiru.

Daandiin qilleensaa kun torbanitti guyyaa shan xayyaara diriimlaayinarii 787n Karaa Siwiidin Istookhoolmi gara Osloo Noorweeyitti kan balali’u yoo ta’u, balalliin guutummaatti amma dubartootaan taasifame kanaan dura Baankook, Kiigaalii, Leegosii fi Boonesayirasitti aanee isa shanaffaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015