Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan Itoophiyaa itti kabachiisan ta'uu Pireezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan. - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan Itoophiyaa itti kabachiisan ta'uu Pireezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.
Finfinnee, Gurraandhala 23/2013 (TOI) - Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan Itoophiyaa itti kabachiisan ta'uu Pireezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.
Injifannoon Adwaa garbummaa moo'achuu ol jedhan Pireezdaant Saahilawarqi Zawdeen.Injifannoon Adwaa Aasxaa wareegama ummattoota Itoophiyaati jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa injifannoo Itoophiyaanoonni tokkummaan Itoophiyaa itti kabachiisanii fi waa hundi biyyaa gadi ta'uu itti muul'isan ta'uu dubbataniiru.
Sirna kanarratti kan argaman itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee injifannoon Adwaa mallattoo gootummaa ta'uu ibsaniiru.Dhaloonni har'aa abbootii duriirraa ciminaa fi obsa dhaaluun tokkummaa keessoo cimsachuun jibba moo'achuun biyya waloo ijaaruu qabu jedhan.
Dhaloonni ammaa hiyyummaa moo'achuun seenaa galmeessuu akka qaban dhaamaniiru.Gootoonni durii murannoon qabsaa'uun injifannoo dhaloota har'aa dhaalchisuu Preezdaantiin gootoota durii Lij Daani'eel Jootee ibsaniiru.
Dhaloonni ammaa garaagartee cinaatti dhiisuun biyya waliin ijaaruu qabu jedhan.Injifannoon Adwaa injiffannoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo ummata gurraachha hundaa ta'uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw eeraniiru.