Fooramiin Injifannoo Adwaa Waggaa 125ffaan Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti ‘’Injifannoo Adwaa Faajji tokkommaa sabdaneessummaa’’ dhaadannoo jedhuun Hoteela Sharaatanitti kabajamaa jira.

58

Finfinnee,Guraandhala 22/2013(TOI)- Fooramiin Injifannoo Adwaa Waggaa 125ffaan Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti ‘’Injifannoo Adwaa Faajji tokkommaa sabdaneessummaa’’ dhaadannoo jedhuun Hoteela Sharaatanitti kabajamaa jira.

Fooramii kanaratti Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Aadaafi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw dabalate Abbootiin Gadaa, Haadhooli Sinqee akkasumas keessumoonni argamaniiru.

Fooramii kanaratti Pireezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hasawa taasisanin, Adwarratti sabaaf sablammoonni Itoophiyaa hunduu aarsaa kaffalaniiru jedhan.

Gootonni Oromoos Abbooti Amantarraa hanga gaggeessitoorratti hirmaataniiru kan jedhan Pireezedanti Shimallis, seenan kan lallifamu yoo dubbatame waan ta’eef, dubbatachuufi beeksifachuu jalqabuutu nurra jiraatas jedhan.

Seena hatame iddootti deebisuu barbaachisa; kanarratti Artistoonni, miidiyaaleefi hayyoonni akka hojjataniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Adeemsa hannaafi ololaa fulduratti deemu nu dhorkuu cabsuu qabna; fulduratti tarkanfachuutu barbaachisa, kottonfanne hafuu hin qabnus jedhan Pireezidanti Shimallis.Dhaloonni ammas Adwaa gurguddaa shan qaba; sabaaf sablammiin hunduu akka wal fudhatu, waltiksu,walmuldhisu ta’uu qaba, biyyattiin hiyyummaa keessaa baate diinagdeen of danda’uu qabdi, biyyatti teeknooloojiifi beekumsaan dorgomaa gochuu akkasumas aadaan siyaasaa jijjiramuu qaba jedhan Obbo Shimallis.

Kana raawwachuun dhaloonni ammaa Adwaa mataasaa hojjatachuu qaba; kana yoo goone Itiyoophiyaa addunyaa faana dorgomuu dandessuu dhugoomsuu dandeenyas jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015